“MUDANNOO JAALALAA SEENAA DHUGAA
IRRATTI HUNDAAHE..”
Yeroon kutaa 9 baradhu isheen ammoo kutaa 6
baratti. Gaaffii jaalalaa dhi'essefi tole jettee
jaalala hoo'a waliin dabarsaa turre. ani kutaa 10
xumureen qabxii barbaachisu fideen gara kutaa
11 dabree magaalaa Naqamtee deeme ,ammalle
akkuma wal jaalannetti jirra, kana keessatti
maatii ishelle akka anaa fi isheen waliin jiraannu
hin fedhan. Utuma kana jechaa deemnu ani
barnoota koo xumureen carraa unversitii
argadhee gara unv. Woldiyaa deemuf ka'e
isheenis fuluma tolaadhaan na geggesite.
Haa ta'u malee aniis nan bilbilaaf, isheeniis naa
bilbilaa turtee. utuma kanaan jirruu booda
keessaa miskolii malee naaf bilbiluu didde.
Dhumaarraatti sim-kardin ishee cufame, situ cufe
nan jette garuu kan cufe ana hin turre. Boqonnan
geenyaan nan gale gaafan galu oduu nama
gaddisasu dhaga'uttin ka'e. nama kan biraa
wajjin akka turte fi jaalallee biraa akka qabdu
dhagahe. kanumaan jaalala waggaa 3 baatii 8
giddutti ijaaraa turre dhadhaa ibidda bu’e gootee
na eegde. Gaafa namni gaafatu ani kana hin
goöne niin kakadhaa jetti. ani immoo waanan
dhaga'e sun baayy'ee na aarse, maal goochuu
naaf wayya? dhifama gochu moo dhiisu naaf
wayya?
Mee isin yaada keessaan kan dhugaarratti
hundaahee naaf laadhaa.
Oduu afaan oromo
Seenaa Jaalala dhugaa. Oduuwan adda adda artii oroomota mp3 oromoo
Friday, 22 April 2016
Seenaa Jaalala Dhugaa
SEENAA DHUGAA WAAN TA'EEF OBSAAN NAAF DUBBISA! YAADA KEESSANIIS NAAF
GUMAACHAA. Ani kanaan dura jaalalaan qabamee hin beeku,jaalalaas humaatti hin lakkaa'u, durboota hedduun walitti dhihaanna, akkasumaas hedduutu na waliin xaphachuu hawwa, haaluma kanaan
yeroön kutaa 11ffaa baradhu osoo walit dhihaannuu isheen takka na jaalatte natti
himachuu sodaatte, ganamaas galgalaas yoo ijaan wal argu baanne naaf bilbilti, baayye
dhippatti,nyaatallee hanga ijaan na argitutti hin
nyaattu,kana booda aniis ishee arguun suusii natta'e aniis jaaladheen yeroon 12faa baradhuus jaalala mi'ooftuu waliin dhandhamaa turre.
Yeroon yunivesity deemu imimmaan jaalalaa harcaasaa adda baane,ammaa amma naaf bilbilti ,haa ta'u malee akka isheen nama biraatiin wal
barte dhagaheen lammata hin bilbilin jedhee
arrabse, sababa hedduu najaalattuuf humaatti hin
lakkoofne,hangaan an boqonnaaf galuus obsaan
na eegaa turte,galuu koo dhageenyaan mana
keenya dhuftees na dubbiste,ani garuu waanin
baayyee aareef yaada koo hin jijjiirre,boqonnaa
xumureen gara kaampaasii deebi'e, ergaan ani
deeme nama biraatiin wal bartee akka jaalala
dhandhamachaa jiran yeroon dhagahu qaamni na
hoollate,nyaataafi dhugaatii na jibbisiise ,kan
isheen gubachaa turte caalaan gubadhe,akkaan
hin araarfanne amma isheen abbaa qabdi, amma
boqonnaa dhabeen lubbuun of rarraasi naan jetti,
yaa obboleewwan koo osoo isin ta'e maal gootu?
Maaloo daddafaa yaada keessaniin na
dhaqqaba!!!
M.A irraa Galatoomaa!!!

Subscribe to:
Posts (Atom)