SEENAA DHUGAA WAAN TA'EEF OBSAAN NAAF DUBBISA! YAADA KEESSANIIS NAAF
GUMAACHAA. Ani kanaan dura jaalalaan qabamee hin beeku,jaalalaas humaatti hin lakkaa'u, durboota hedduun walitti dhihaanna, akkasumaas hedduutu na waliin xaphachuu hawwa, haaluma kanaan
yeroön kutaa 11ffaa baradhu osoo walit dhihaannuu isheen takka na jaalatte natti
himachuu sodaatte, ganamaas galgalaas yoo ijaan wal argu baanne naaf bilbilti, baayye
dhippatti,nyaatallee hanga ijaan na argitutti hin
nyaattu,kana booda aniis ishee arguun suusii natta'e aniis jaaladheen yeroon 12faa baradhuus jaalala mi'ooftuu waliin dhandhamaa turre.
Yeroon yunivesity deemu imimmaan jaalalaa harcaasaa adda baane,ammaa amma naaf bilbilti ,haa ta'u malee akka isheen nama biraatiin wal
barte dhagaheen lammata hin bilbilin jedhee
arrabse, sababa hedduu najaalattuuf humaatti hin
lakkoofne,hangaan an boqonnaaf galuus obsaan
na eegaa turte,galuu koo dhageenyaan mana
keenya dhuftees na dubbiste,ani garuu waanin
baayyee aareef yaada koo hin jijjiirre,boqonnaa
xumureen gara kaampaasii deebi'e, ergaan ani
deeme nama biraatiin wal bartee akka jaalala
dhandhamachaa jiran yeroon dhagahu qaamni na
hoollate,nyaataafi dhugaatii na jibbisiise ,kan
isheen gubachaa turte caalaan gubadhe,akkaan
hin araarfanne amma isheen abbaa qabdi, amma
boqonnaa dhabeen lubbuun of rarraasi naan jetti,
yaa obboleewwan koo osoo isin ta'e maal gootu?
Maaloo daddafaa yaada keessaniin na
dhaqqaba!!!
M.A irraa Galatoomaa!!!
No comments:
Post a Comment